Tuesday, April 19, 2011

video


Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Qaallitti Keessaa Dhabaman!

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 18,2011) Diddaa fi fincila ummataa biyyatti keessatti mandi’aa jiruun kan baaragde Wayyaaneen hidhamtoota siyaasaa illee gara dabarsuutti akka jirtu beekame.
Maddi qunnamtii Oduu Qeerroo akka mirkaneeffatetti, hidhamuu fi butamuu barattoota Oromoo irratti baatii kana keessa eegalameen kan walqabate, kanneen kanaan dura Oromummaa fi ilaalcha siyaasaa isaaniin hidhamanii mana hidhaa Qaallittii keessatti gidirfamaa jiran illee ukkaamsamanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.
Akka kanaan, Injiner Mesfin Abebe/Rasoo Abdisaa fi Tasfaahun Camadaa/Barii Mana hidhaa Qaallitti keessaa bakka buuteen isaanii dhabamuun beekamee jira. Akka qunnamtiin oduu Qeerroo qulqulleefatetti, ilmaan Oromoo kunneen sababa hin beekamneef  kutaa hidhaa keessa jiran keessaa gaafa 04/04/2011 (halkan Dilbataa Wixatatti barihu) hidhattoota wayyaaneen ija fi harki isaanii hidhamee bakka buuteen isaanii wallaalameera.
Injinarooti ilmaan Oromoo kunneen Ebla bara 2007, keessa mootummaa Kenyaatiin Nirobi irraa ukkamfamanii fi gidiraa guddaa irratti gaggeeffamaa turee booda Wayyaaneetti dabarfamanii kennaman.
Akkaataa fi Sababa itti qabaman kan seenaan of dura kan baasu ta’us, erga harka tika Keeniyaa galanii irraa kaasee hiraarii fi gidiraa hedduu fi guddaa irra gahee booda gaafa May 12, 2007 halkan keessaa sa’aa 2:00tti humnaan ukkaamfamuun harka fi iji isaanii hidhamee Wayyaaneetti dabarfamanii kennaman.
Erga wayyaaneetti dabarfamanii kennamanii yeroo waggaa tokkoo fi ji’a sadiif otoo aduu, ija firaa fi hiriyyaa hin argiin qoratnoon hamaa irratti gaggeeffame booda gara mana hidhaa qaallittiitti dabarfaman.
Erga qaallittiiti dabarfamaniis yakki dharaa tolfameefi dhadhachi fakii manni murtii wayyaaneetti deddiibihaa turanii; ragaa qabatamaa tokkoon alatti, badii isaan hin dalagnetti yakkamuun gaafa Caamsaa 31, bara 2010; Injiner Mesfen Ababaa/Raasoo irratti du’ti yeroo muramu Injiner Tasfahun Camadaa irratti ammoo hidhaa umurii guutuu dabarfame.
Ilmaan Oromoo saba fi biyya isaaniif dhama’aa turanii fi of durallee waan guddaa dalaguu dandahan, sababa ilaalcha siyaasaa isaaniif qofa ijii fi harki isaanii hidhamee murtiin dabaa irratti darbee ture xiqqaate jedhanii hardhas ilmaan Oromoo kana ijaa fi harka hidhanii mana hidhaa keessaa ukkaamsuun gabaafame!
Sabboontoti ilmaan Oromoo dhimma kana hordofaa jiran sababa dhimma kanaaf kaahan yoo jiraate tokkoffaan wayyaanooti shiraa fi yakka kijibaan murtii du’aa fi umurii guutuu irratti dabarsan raggaasifatuuf shiraa jiran yeroo jedhan kan lammaffaa ammoo imaammati wayyaanee Oromoo qaamaan qofaa hidhuun gahaa miti jedhu hojiitti hiikaa jirti jedhu. Wayyaanooti Oromoo qaamaan qofaa hidhuu otoo hin taane haamlee isaas cabsamuun barbaachisaa dha jedhanii waan amananiif ilmaan Oromoo kana qaamaan isaan hidhuun garaa isaan gahuu dadhabee haamlee ilmaan cabsuuf hiraarsaa jiran jedhu.  
Kanaaf yakka mirga dhala namaa irratti dalagamaa jiru kana warri mirga dhala namaaf falman kan akka human right watch, amnesty international, red cross, Oromo Support Group fi kan biroos dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofuun hiraarfamuu fi dhabama lubbuu ilmaan Oromoo kanaa oolchan dhiibbaa godhan sabbontoti Oromoo dhaamsa jabaa dabarsaa jiru.

Odaan kana - MANA BARNOOTA AFAAN OROMOO, MARSAA WEBS

Odaan kana - MANA BARNOOTA AFAAN OROMOO, MARSAA WEBS

  All blogs

Manage Reading list

Qabsoo Diddaa Gabrummaa godhamurratti Oromoon hundi qoodasaa ba'uun akka irraa eegamu Oromooni biyya UK jiraatan dhaaman

Abdii Aduu at Imimmaan - 5 weeks ago
Roorroofi hacuuccaa ummata Oromoorra gahaa jiru hundeedhaan mancaasuun kan danda'amu, Oromoon hundi bakka argamutti sochii fincila diddaa gabrummaa godhamuuf gumaata isarraa eegamu yoo gumaache qofa akka ta'e Oromootiin biyya Yuunaayitid Kingdam(UK) keessa jiraatan hubachiisan. Hawaasni Oromoo kunniin kana kan hubachiisan Ayyaana yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa kaleessa(29/11/2014) magaalaa Leedsitti wayita kabajametti yoo ta'u, yaadannoo kanarratti qaamoleen hawaasaa Oromoo magaalaawwan biyyattii gara garaarraa walitti dhufan irratti argamaniiru. Roorroo ummata Oromoorra gahaa j... more »

Dhaloota Abaarame Akka Hinjedhamne

Abdii Aduu at Imimmaan - 2 years ago
*Dhaloota Abaarame Akka Hinjedhamne* Oromoon uumamaasaatiin dursee nageenya jaalata; nageenya kadhatas. Qe’eesaarratti tasgabbaa’ee jiraachuu fedha; jireenya ilma namaatiifillee tasgabbii fedha. Haata’u malee fedhiin Oromoo kun haala qabatamaatiin eega dimimmisee yeroonsaa dheerateera. Biyyasaarratti abbaa biyyaa, qe’eesaarratti aabbaa karraafi abbaa dhuga ta’uun hafee, akka sar-diidaa adamsamuu eega jalqabee oolee bubbuleera. Waa’ee seenaa gabrummaa Oromoo irra deebi’ee isin yaadachiisuu hinfedhu. Garuu Oromoon biyyasaarratti hadhaa gabrummaa hadheeffachuu eega eegalee bara b... more »

Untitled

abdii boruuti at OROMO AWARENESS & HUMAN RIGHTS PROJECT - 2 years ago
VOA Interview with Obbo Leenco Lata - July 28, 2012 www.youtube.comVOA Interview with Obbo Leenco Lata - July 28, 2012

Ethiopia: Journalists Live in Fear of 'Terror' Law

Ethiopia: Journalists Live in Fear of 'Terror' Law By Charlayne Hunter-Gault, 19 June 2012 guest column Nowhere across Africa is the message that its people want a way out of what I call "the four Ds" - death, disease, disaster and despair - more resounding than among the continent's journalists. In nation after nation, they are attempting to inform their people of their rights and encourage them to hold their governments accountable. For that, many of them are being held accountable in the most draconian ways. I have seen this first hand in Zimbabwe, where Robert Mugabe's regime h... more »

Galgala Aadaa Hawaasa Oromoo Giddu Galeessa Awurooppaa

Oromian Center For Human Rights: Exposing Massive Human Rights Violations in Oro

https://lh5.googleusercontent.com/_MzhohxcbWWQ/S1v9tHepmJI/AAAAAAAAC-s/UKeUq4SITSg/P1020749.jpg

Huab Lodge

Huab Lodge

Monday, April 11, 2011

bareefama

Uummata Oromoo hidhuu fi ajjeesuun qabsoo bilisummaa uummatichaa dhaabuu hin danda’u


Abdii Boruutiin
Erga uummatni Oromoo gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hamma har’aatti, hidhaa fi ajjeechaan uummta keenyarra ga’an dhaabbatanii hin beekan. Kuni ammoo Oromoo dhaaf waan haaraa miti; qabsoo bilisummaa isaarraa duubatti isa deebisees hin beeku. Qabsoo kanallee dhaabuus hin dandeenye; dhaabuus hin danda’u. Uummata hidhuu, dararuu, ajjeesuu fi biyyarraa baqachiisuun mallattoo gabroonfataa ti. Haa ta’u malee, hidhaa fi adamsi yeroo ammaa uummta keenyarra gahaa jiru, kan dur caalaa bifa biraa agarsiisaa jira. Bifti haaraan kun ammoo, uummta keenya akka Oromootti (waan Oromoo ta’aniif qofa) diinni isaanitti xiyyeeffachuu dha. Wanti iccitii hin qabne, Oromoo ta’uutu yakka ta’e jechuu dha. Wayyaaneen sababa adda addaa uumtee, kanaan uummta keenya man hidhaatti haa guurtu malee, wanti ifa ta’ee mul’achaa jiru duula Oromummaarratti godhamu dha.      

Wayyaaneen maaliif uummata keenya akka adamsitu, sababni inni guddaan warraaqsi ykn fincilli diddaa gabrummaa ka’uun isaa akka hin oolle waan beektu fi kanas sodaattuufi. Kanaaf, miseensotni ykn hoggantootni dhaab ishiin ijaartee, akka meeshaatti itti fayyadamaa jirtuu OPDOn illee adamsa fi hidhaa yeroo ammaa kana jalaa ba’uu dadhaban. Gaafiileen asirratti ka’an garuu: 1) Warri miseensota dhaaba kanaa ta’ani fi hamma ammaatti rakkoon akkanaa isaanirra hin ga’in, nuyis boru carraan keenya kanuma ta’uu danda’a jedhanii yaaduu laata? fi 2) Oromootni hafan hoo, wanti adeemsa yeroo ammaa fi gochaa Wayyaanee kanarraa hubatan jiraa? kan jedhanii dha. Warri OPDO keessa jirani fi diina tajaajilaa jiran, miidhaa isaan uummta Oromoo irraan ga’an hubatanis hubachuu baatnis; kan dabrerraa baratanis barachuu baatanis, kana booda carraan isaanii maal akka ta’u filannoo lamatu jiru.

  • Filannoon tokko, hojii balleessaa fi seenaa xureessaa kana itti fufanii; duula balleessanii baduu dalaganii; yoo Wayyaaneen kufte isaanis gooftolee isaanii wajjin kufuu dha. Kuni ammoo, kufanii hafuu qofaa otuu hin taane, seenaa badaa barreessanii dabruu dha.

  • Filannoon biraa, nu gaye jedhanii; kan dabrerraa baratanii; uummata dhaabbanneef jedhan kana bira dhaabbachuu fi bilisummaa dhugaatiif wajjin qabsaa’uu dha. Wayyaaneetti garagalanii kufaatii ishii daddafsiisuu jechuu dha. Yoo akkana godhan, uummatni Oromoollee waan dabreef dhiifama isaaniif godhuu danda’u.

Gaafii isa lammataatiif deebii kennuu dhaaf, Oromootni hunduu keessumaayuu qabsaa’otni wanti adeemsa yeroo ammaa fi gochaa Wayyaanee kanarraa hubachuu danda’an jedhee yaadu, waan tokko dha. Innis, Wayyaaneen kan duulaa jirtu Oromootti ykn Oromummaatti malee akka amantii Oromoon qabuutti yookaanis akka naannoolee fi kutaalee Oromiyaatti waan hin taaneef, yoomiyyuu caalaa tokkummaa Oromoo jabeessuun barbaachisaa fi murteessaa akka ta’ee dha. Gabaabumatti, wal qoqqooduu, waliin mormuu fi wal dura dhaabbachuu dhiisanii irree tokkoon diina hamaa kanarratti duuluun yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba jechuu dha. Yoo dhimmi kun hin hubatamne fi ammas akkuma dur wal qoqqooduun itti fufe; yoo diinaaf qaawwi kan uumamu fi balballi kan banamu ta’e, kufaatiin Wayyaanees turuu akka danda’u waan nama mamsiisuu miti.

Karaa biraatiin ammoo, yoo gochaan Wayyaanee kun akkanumatti kan itti fufu ta’e (itti fufuun isaas waan ooluu miti), impaayara kana keessatti warraaqsi ykn fincilli tokko uumamuun waan hafuu miti. Warraaqsa tasa uumamu kana keessatti ammas carraan biraa akka nu hin dabarre sirriitti itti qophaa’uun barbaachisaa dha. Itti qophaa’uu jechuun ammoo, tokkummaa ofii jabeessanii humna ofii cimsuu; mooraa ofii keessatti nagaa uumuu; waliin haasa’uu, waliin mari’achuu; dhimma uummata keenyaarratti sagalee tokko dubbachuu; tokkummaa hundaa hammatu ijaaruun yoo dadhabame, tumsa waliif ta’uu; karaa kamiiyyuu haa ta’u, kan dafee Wayyaanee kuffisuu danda’urratti wajjin hojjechuu; wal jajjabeessuu fi wal gargaaruu; uummata keenya tokkoomsuurratti ciminaan hojjechuu fi kkf.

Dhugaa dubbachuu dhaaf, har’a qabsoo kana keessatti, wanti nama sodaachisu baay’ee dha; kan nama yaaddessullee akkasuma. Haa ta’u malee, akkuma mammaaksi Oromoo “Abjuu sodaatanii, hirriiba hin dhiisan”jedhu, waa hundaafuu of qopheessuu dha malee, kufaatii Wayyaanee booda kan ishii caalu hamaan dhufinaa laata, jennee yaaduun sirrii dhaa? Dhimma uummata bal’aa tokkoo fi biyyaa dhiisii jireenya dhuunfaa keessattillee wanti nama sodaachisu fi yaachisu hin dhabamu, jiras. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, wanta hawwinu fi barbaadnu isa guddaa tokko argachuu dadhabna ta’a malee, bu’aalee hamma har’aatti arganne kana deebifnee waan dhabnu natti hin fakkaatu. Haalli bu’aalee kana nu dhabsiisu uumamuu danda’ullee, kana booda uummatni Oromoo bal’aanuu bu’aalee qabsoo hadhaawaa dhaan harkatti galfate kana deebisee waan dhabu hin fakkaatu jechuu kooti.

Nutti hin mul’atu ta’a malee, uummatni Oromoo keessumaayuu dhalootni haaraan (dhalootni qubee) hammam akka dammaqani fi bilchaatan, kan agarsiisan ragaalee baay’ee dhiyeessuun ni danda’ama. Warri waggoota diigdamman (bar-kurnee lama) dura biyyarraa (Oromiyaarraa) ba’anii har’a biyya alaa jiraatan, haaluma yeroo sana arganii ba’an yaadachuu dhaan; sadarkaa dammaqinsaa, kan uummatni keenya har’a irra gahe dagachuun tilmaama hin taane keessa nama galachuu danda’a. Dargaggootni keenya, Oromummaa fi sabboonummaan isaanii hammam akka guddatan artistoota, weellistoota fi barattoota keenya akka fakkeenyaatitti ilaaluu ni dandeenya. Bakkee Wayyaanee faashistii dhiiga-xuuxaan jirutti, soda takka malee sirboota tokkummaa cimsan; jagnoota faarsan; Oromummaa guddisani fi qabsoof kakaasan weellisaa jiru. Barattootni Oromoos hamma qabsoo hadhaawaa godhaa, hidhamaa fi ajjeefamaa akka jiran kanuma arginu fi dhageenyu dha.

Isaan kun fakkeenyota baay’ee kessaa tokko tokkoo dha. Walumaagalatti, uummatni keenya, otuu qawwee Wayyaaneetiin ukkaamamee jiruu, hammam akka of baraa fi dammaqaa deeman hubachuun nama hin rakkisu jechuu dha. Uummatni keenya garaan isaa gubatee; gabrummaa Wayyaaneetiin waaddamee waan jiruuf, sochiin tokko yoo ka’e, warraaqsi isaa akka ibiddaa Wayyaanee gubee akka deemu waan nama shakkisiisuu miti. Humna fedhee yoo ta’e, sarana Oromoon kan bitamuuf hin jiru. Cancala gabrummaa kukkutee; hamma bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa deebisee argatutti qabsoon isaas hin dhaabbatu. Uummatni, bar-dhibbee tokkoo ol gabrummaa jala jiru; kan hidhaan, darara fi ajjeechaan akkasumas saamichi qabeenya isaa dabaree dabaree dhaan irra gahaa jiru, kana booda wanta sodaatu hin qabu. Kana keessaa ba’uuf garuu yoomiyyuu caalaa qabsoo hadhaawaa kanas itti fufa jechuu dha.

Akkuman kanaan duras yeroo baay’ee irra deddeebi’ee ibsuu yaale, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti, tokkummaa qabsaa’otaa ijaaranii; humna ofii cimsanii waa hundaaf of qopheessuun dursa (priority) argachuu qaba jedheen amana. Yoo mooraan keenya jabaate fi humna abdachiisaan (humni sagalee tokko dhageessisu) uumame booda, tumsa alaa barbaaduu fi humnoota biroo wajjin hojjechuun nama hin sodaachisu jechuu kooti. Kanarratti yaadni, ilaalchi fi ijjannoon kiyya hin jijjiiramne. Haa ta’u malee, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo, kan hundaa hammatu (ABO+ULFO) ijaaruun rakkisaa yoo ta’e, kan tokkoomuu danda’an tokko ta’anii; kan hafan ammoo tumsa waliif ta’anii; hunduu wajjin hojjechuu dhaan; humna Oromoo cimsanii; kufaatii Wayyaanee daddafsiisuu qabu. Wayyaanee kuffisuu dhaaf karaa danda’amu hundarrattuu hojjechuun dirqamallee ta’uu qaba jedheen yaada.

Wanti dagatamuu hin qabne fi hunduu hubachuu qaban, yoo Wayyaaneen daftee kufuu baatte, kan biraa hafee; biyyi ijaarrachuuf hawwinu tun, Oromiyaan akka gurguramtee dhumaa deemtu fi booda biyya keessatti dhalannee guddanne tanaa akka hin dhabne dha. Kuni ammoo balaa nutti dhufuuf deemaa jiru alaalatti arguu dha malee, dubbii raajessuu ykn oo’isuu miti. Waayee kana Oromootni hunduu hubachuu qabu. Biyya teenya dhabuu yoon jedhuu, gurguramtee dhumuu ishii qofaa otuu hin taane, kan gurguramuurraa haftellee summii dhaan baddee; biyya bareedduu fi dureettiin tun bifa biraatiin akka hin argamne jechuu kooti. Kanaaf, kufaatiin Wayyaanee, uummata keenya gabrummaa hamaa kana keessaa baasuu qofaa otuu hin taane, biyya teenya Oromiyaas badiirraa hanbisa jechuu dha.

Dhumarratti, otuu barruu kiyya hin xumurin dura, carraa kanaan, dhaamsa kanaa gadii kana dabarsuun barbaada:

Ø  Oromoorraa dhalattee, kan ani Oromoo dha ofiin jettu, garuu dhimma dhuunfaatiif jettee kan diina tajaajiltu ykn diina wajjin hojjettu; diina gargaartu; uummata irraa dhaladhe jettu kana miidhaa jirtu; biyya keessatti dhalatte kana balleessaa jirtu; amma gaye jettee; uummat Oromoo bira dhaabbattee; Wayyaaneetti garagaltee; kufaatii ishii kan daddafsiistu yoo ta’e, uummatni Oromoos kan dabreef dhiifama siif godhuu danda’a. Seenaa xureessitee barreessaa jirtu kanallee sirreessuuf carraa argatta. Kanaaf, uummata Oromoo wajjin dhaabbadhu! Diina kufuun isaa hin oolle wajjin hin kufin!

Ø  Uummatni Oromoo, kan hidhaan dararamni fi ajjeechaan jiruu fi jireenya kee ta’e, faashistummaan akkanaa bar-dhibbee tokkoo ol sirra gahaa waan jiruuf, kun siif haaraa miti; qabsoo hadhaawaa gootee as geessee jirta; hamma fedhe gabrummaa fi faashistummaan yoo sitti hammaate, diinaaf jilbiiffachuun sirra hin jiru. Aduun ykn biiftuun bilisummaa keetiis ba’uun ishii hin oolu. Hammasitti qabsoo kee itti fufuu qabda. Injifatnoon xumuraa kan keeti. Guyyaan ati bilisummaa fi abbaabiyyummaa kee deebftee itti argattu fagoo hin ta’u.
Ø  Dhaabileen ykn jaarmayootni mirga Oromootiif yookaanis bilisummaa Oromootiif dhaabbattan ykn qabsooftan, keessumaayuu qabsaa’otni Oromoo, QBO ulfaataa fi walxaxaa kan keessatti dhiisii, siyaasaa’uma fedhee keessattuu garaagarummaan ilaalchaa waanuma jiruu dha. Haa ta’u malee, garaagarummaa isin jidduu jiru, yoo danda’ame furmaata waliin barbaaduu dhaan; yoo ammaaf hin danda’amne, akkuma jirutti dhiisuu dhaan; hunda dura garuu kufaatii Wayyaaneerratti wal gargaaruu fi tumsa waliif ta’uun dirqama hundaatuu ta’uu qaba. Yeroon dirqama kana hubatani fi hojiirra oolchanis amma. Tokkummaan ilmaan Oromoo, keessumaayuu tokkummaan ykn/fi tumsi qabsaa’ota Oromoo kan barbaachisu yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qabas. Yeroon dhimma uummata ofiitiif sagalee tokko dubbatanis amma’uma akka ta’e hunduu hubachuu qabu. Kufaatiin Wayyaanee dursa (priority) argachuu qaba; kanarratti haal-dureen waan jiru natti hin fakkaatu.

Yoo hunduu kanarratti waliigalani fi irree tokkoon Wayyaaneetti duulan, injifatnoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u mamiin ykn shakkiin hin jiru.

Galatoomaa!

Sunday, April 10, 2011

The Ethiopian government appears to be back to the old tricks of 'detain first


The Ethiopian government appears to be back to the old tricks of 'detain first, ask questions later.' The authorities should immediately free the Oromo opposition members unless they can bring credible charges against them.
Rona Peligal, deputy Africa director at Human Rights Watch
(London) - The Government of Ethiopia should immediately release members of the ethnic Oromo political opposition detained without charge after mass arrests, Human Rights Watch said today.
In March 2011, Ethiopian authorities carried out several waves of apparently politically motivated mass arrests of more than 200 ethnic Oromo Ethiopians. On March 30, the government confirmed that 121 were in detention without charge, alleging that they were members of the Oromo Liberation Front, a banned rebel armed group. The government told journalists that it had obtained court orders to continue to hold the 121 individuals while it gathers evidence against them.
"The Ethiopian government appears to be back to the old tricks of 'detain first, ask questions later,'" said Rona Peligal, deputy Africa director at Human Rights Watch. "The authorities should immediately free the Oromo opposition members unless they can bring credible charges against them."
Ethiopia's international partners should press the government to release the detainees immediately if it cannot credibly charge them, Human Rights Watch said.
The authorities arrested 40 members of the Oromo People's Congress (OPC) in a mass roundup from March 12 through March 14 in several districts of Ethiopia's Oromia region. Those detained included long-serving party officials and many candidates in the 2010 regional and parliamentary elections. Several of them remain unaccounted for, OPC party officials told Human Rights Watch.
At least 68 members of the Oromo Federalist Democratic Movement (OFDM), an opposition political party, are among those arbitrarily arrested between March 1 and March 15, according to party officials. Those arrested include former members of Parliament, former local government candidates for election, civil servants, teachers, and students. OFDM officials reported that at least two were beaten at the time of arrest, and the whereabouts of several remain unknown.
Torture is a routine practice at Addis Ababa's Maikelawi, or Central Investigation Unit, where the majority of the detainees are believed to be held, Human Rights Watch said.
Reports of the arrests broadcast on Voice of America's Amharic service have been jammed by the government the radio service said in a statement on its website, further raising concerns that the roundups are politically motivated.
Oromia is Ethiopia's largest and most populous region. Its regional government is controlled by the Oromo People's Democratic Organization (OPDO), a member of the ruling Ethiopian People's Revolutionary Democratic Front (EPRDF).
The Ethiopian government has a long history of using accusations of support for the Oromo Liberation Front, an armed rebel group that has been carrying out a low-level insurgency for more than a decade, as a pretext for cracking down on political dissent among the Oromo population.
While Ethiopia has valid security concerns related to sporadic bombings and other attacks, the government has routinely cited terrorism to justify suppressing nonviolent opposition and arbitrarily detaining peaceful government critics. The authorities have indicated that they may charge several of the detainees under the new Anti-Terrorism Law, which Human Rights Watch and others have criticized on human rights grounds.
Enacted in July 2009, the Anti-Terrorism Law severely restricts the right to freedom of expression. It contains an overly broad definition of acts of terrorism that could be used to suppress non-violent peaceful protests, and greatly expands police powers of search, seizure, and arrest. The law also provides for holding "terrorist suspects" for up to four months without charge. These provisions violate basic human rights requirements of due process. Human Rights Watch expressed concern at the time that the new law would become a potent tool for suppressing political opposition and legitimate criticism of government policy.
The Ethiopian constitution requires the government to bring a person taken into custody before a court within 48 hours and to inform the person of the reasons for their arrest, a protection that is already systematically violated. The International Covenant on Civil and Political Rights, to which Ethiopia is a party, provides that anyone arrested for a criminal offense shall be brought before a judicial authority and promptly charged.

Friday, April 8, 2011

Oromoo hidhuu fi ajjeesuun kaayoo fi ajandaa ‘Wayyaanee’ ti – THBO

Bitootessa 26, 2011
Humniti Shororkeessituu Wayyaanee,“Ummata Oromoo saba woyyaba irraa saba bicuutti deebisuun ni dandayama” ajandaa jedhu baafattee Oromoo lafarraa fixuu erga jalqabdee as, har’a woggaa 20 ta’ee jira.
Hidhaa fi ajjeechaan dhiheenna kana Oromoo qofa qophaatti footee, jimlaan adamsaa jirtullee, itti-fufiinsa diinummaa addaa kan woyyaaneen Oromoof qabdu kana ragaa baha.
Tooftaalee Woyyaaneen Oromoo lafarraa fixuuf baafattee waggaa 20 ol hujii irra oolchaa jirtu gari-garii walyaadachiisuun, Oromoota hanga har’aatuu kaayoo fi ajandaa diinummaa kan woyyaaneen Oromoof qabdu hin hubatiniif illee barnoota guddaa kenna jennee amanna.
1. Oromoo beelaan ajjeesuu
2. Oromoo rasaasaan ajjeesuu
3. Oromoo reebicha uleetiin ajjeesuu
4. Oromoo mana hidhaa keessatti tortorsanii ajjeesuu
5. Lagaa fi lafa Oromoon ittiin jiraatu summeessuun Oromoo dhukkubaan ajjeesuu
6. Saboota ollaa Oromiyaa jiraatan qawwee itti hidhuun Oromoo irratti duulchisuu
7. Oromoota hidhaa fi ajjeechaa woyyaanee jalaa baqatanii biyyoota ollaatti dahannoo argatan adamsuun ajjeesuu/ajjeesisuu; dimshaashaan moonaa baqataa keessatti gubuu
8. Oromoota akka tasaa shira woyaanee kana hundarraa hafan, qe’ee handhuurti akaakuu isaanii itti awwaalamte hundarraa buqqisuun, biyya oromoo alagaa baar-gamaatiif kennuudhaan,qabeenyuma Oromootiin Oromoo irratti diina biroo bituu, daboo diinummaa baafachuu
9. Lagaa fi lafa Oromoo kan yaroof ofii dhuunfachuu hin dandeenye ibdiddaan gubuun naannoo jireenna ummata Oromoo barbadeessuu
10. Imaammata barnootaa kan addaa Oromoo irratti baasuudhaan, Oromoon doofummaa jalatti hafee ergamaa aangawoota fi gabricha sooreyyii Tigree akka ta’u godhuu
Walumaa galatti, tooftaaleen asii olitti ibsaman kun martuu, imaammatta Woyyaaneen “Lakkoofsa ummata Oromoo woyyaba irraa saba bicuutti gad-buusuuf” baafattee Oromoo lafarraa ittiin fixaa jirtu ta’uu, waggaa 20 ol, ragaa qabatamaan addunyaa guutuu fuulduratti mul’iftee jirti.

Thursday, April 7, 2011

Ethiopia: Free Opposition Members

Mass Arrests of More Than 200 Ethnic Oromo Appear Politically Motivated
APRIL 7, 2011

The Ethiopian government appears to be back to the old tricks of 'detain first, ask questions later.' The authorities should immediately free the Oromo opposition members unless they can bring credible charges against them.
Rona Peligal, deputy Africa director at Human Rights Watch
(London) - The Government of Ethiopia should immediately release members of the ethnic Oromo political opposition detained without charge after mass arrests, Human Rights Watch said today.
In March 2011, Ethiopian authorities carried out several waves of apparently politically motivated mass arrests of more than 200 ethnic Oromo Ethiopians. On March 30, the government confirmed that 121 were in detention without charge, alleging that they were members of the Oromo Liberation Front, a banned rebel armed group. The government told journalists that it had obtained court orders to continue to hold the 121 individuals while it gathers evidence against them.
"The Ethiopian government appears to be back to the old tricks of 'detain first, ask questions later,'" said Rona Peligal, deputy Africa director at Human Rights Watch. "The authorities should immediately free the Oromo opposition members unless they can bring credible charges against them."
Ethiopia's international partners should press the government to release the detainees immediately if it cannot credibly charge them, Human Rights Watch said.
The authorities arrested 40 members of the Oromo People's Congress (OPC) in a mass roundup from March 12 through March 14 in several districts of Ethiopia's Oromia region. Those detained included long-serving party officials and many candidates in the 2010 regional and parliamentary elections. Several of them remain unaccounted for, OPC party officials told Human Rights Watch.
At least 68 members of the Oromo Federalist Democratic Movement (OFDM), an opposition political party, are among those arbitrarily arrested between March 1 and March 15, according to party officials. Those arrested include former members of Parliament, former local government candidates for election, civil servants, teachers, and students. OFDM officials reported that at least two were beaten at the time of arrest, and the whereabouts of several remain unknown.
Torture is a routine practice at Addis Ababa's Maikelawi, or Central Investigation Unit, where the majority of the detainees are believed to be held, Human Rights Watch said.
Reports of the arrests broadcast on Voice of America's Amharic service have been jammed by the government the radio service said in a statement on its website, further raising concerns that the roundups are politically motivated.
Oromia is Ethiopia's largest and most populous region. Its regional government is controlled by the Oromo People's Democratic Organization (OPDO), a member of the ruling Ethiopian People's Revolutionary Democratic Front (EPRDF).
The Ethiopian government has a long history of using accusations of support for the Oromo Liberation Front, an armed rebel group that has been carrying out a low-level insurgency for more than a decade, as a pretext for cracking down on political dissent among the Oromo population.
While Ethiopia has valid security concerns related to sporadic bombings and other attacks, the government has routinely cited terrorism to justify suppressing nonviolent opposition and arbitrarily detaining peaceful government critics. The authorities have indicated that they may charge several of the detainees under the new Anti-Terrorism Law, which Human Rights Watch and others have criticized on human rights grounds.
Enacted in July 2009, the Anti-Terrorism Law severely restricts the right to freedom of expression. It contains an overly broad definition of acts of terrorism that could be used to suppress non-violent peaceful protests, and greatly expands police powers of search, seizure, and arrest. The law also provides for holding "terrorist suspects" for up to four months without charge. These provisions violate basic human rights requirements of due process. Human Rights Watch expressed concern at the time that the new law would become a potent tool for suppressing political opposition and legitimate criticism of government policy.
The Ethiopian constitution requires the government to bring a person taken into custody before a court within 48 hours and to inform the person of the reasons for their arrest, a protection that is already systematically violated. The International Covenant on Civil and Political Rights, to which Ethiopia is a party, provides that anyone arrested for a criminal offense shall be brought before a judicial authority and promptly charged.
Please enter email addresses separated by commas.