Oromoo hidhuu fi ajjeesuun kaayoo fi ajandaa ‘Wayyaanee’ ti – THBO
Bitootessa 26, 2011
Humniti Shororkeessituu Wayyaanee,“Ummata Oromoo saba woyyaba irraa saba bicuutti deebisuun ni dandayama” ajandaa jedhu baafattee Oromoo lafarraa fixuu erga jalqabdee as, har’a woggaa 20 ta’ee jira.
Hidhaa fi ajjeechaan dhiheenna kana Oromoo qofa qophaatti footee, jimlaan adamsaa jirtullee, itti-fufiinsa diinummaa addaa kan woyyaaneen Oromoof qabdu kana ragaa baha.
Tooftaalee Woyyaaneen Oromoo lafarraa fixuuf baafattee waggaa 20 ol hujii irra oolchaa jirtu gari-garii walyaadachiisuun, Oromoota hanga har’aatuu kaayoo fi ajandaa diinummaa kan woyyaaneen Oromoof qabdu hin hubatiniif illee barnoota guddaa kenna jennee amanna.
1. Oromoo beelaan ajjeesuu
2. Oromoo rasaasaan ajjeesuu
3. Oromoo reebicha uleetiin ajjeesuu
4. Oromoo mana hidhaa keessatti tortorsanii ajjeesuu
5. Lagaa fi lafa Oromoon ittiin jiraatu summeessuun Oromoo dhukkubaan ajjeesuu
6. Saboota ollaa Oromiyaa jiraatan qawwee itti hidhuun Oromoo irratti duulchisuu
7. Oromoota hidhaa fi ajjeechaa woyyaanee jalaa baqatanii biyyoota ollaatti dahannoo argatan adamsuun ajjeesuu/ajjeesisuu; dimshaashaan moonaa baqataa keessatti gubuu
8. Oromoota akka tasaa shira woyaanee kana hundarraa hafan, qe’ee handhuurti akaakuu isaanii itti awwaalamte hundarraa buqqisuun, biyya oromoo alagaa baar-gamaatiif kennuudhaan,qabeenyuma Oromootiin Oromoo irratti diina biroo bituu, daboo diinummaa baafachuu
9. Lagaa fi lafa Oromoo kan yaroof ofii dhuunfachuu hin dandeenye ibdiddaan gubuun naannoo jireenna ummata Oromoo barbadeessuu
10. Imaammata barnootaa kan addaa Oromoo irratti baasuudhaan, Oromoon doofummaa jalatti hafee ergamaa aangawoota fi gabricha sooreyyii Tigree akka ta’u godhuu
Walumaa galatti, tooftaaleen asii olitti ibsaman kun martuu, imaammatta Woyyaaneen “Lakkoofsa ummata Oromoo woyyaba irraa saba bicuutti gad-buusuuf” baafattee Oromoo lafarraa ittiin fixaa jirtu ta’uu, waggaa 20 ol, ragaa qabatamaan addunyaa guutuu fuulduratti mul’iftee jirti.
No comments:
Post a Comment